Home About Wazema Haala Yeroo Ilaalchisee Ejjennoofi Waamicha Waazeemaa

Haala Yeroo Ilaalchisee Ejjennoofi Waamicha Waazeemaa

August 15, 2016 2
Share!

Wazema Radio Logo

Haalli siyaasa Itoophiyaa yeroo ammaa isa yeroo kamii caalaa balaa sodaachisaa keessa jira. Ukkura biyyattiin keessa jirtu kana “Rakkoo bulchiisaati ykn hanqina dimokraasiiti” jechuun waamuun balaa jiru salphisanii ilaaluu ta’a. Sababni isaas, waa’ee rakkoo bulchiisaafi hanqina dimokiraasii dubbachuun dura wanti guutuu qaban jiru. Nageenyi biyyaa, yooxiqqate lammiileen mirga jiraachuufi hirmaannaa siyaasa gochuu qabaniifi bulchiisa isaan kana hojiitti jijjiiruu danda’u jiraachuun murteessaadha. Yeroo ammaa kana, biyyattii keessatti isaan kunneen jiru jechuun sadarkaa dandeenyurra hinjirru.

Haala balaafamaa biyyattiin amma keessa jirtu gabaabaatti ibsuuf, Yeroo ammaa:

  1. Fudhatamtummaafi amanamummaan mootummaan uummata biratti qabu isa yeroo kami caalaa gadi bu’eera,
  2. Dhaabni bulchu (ABUT/ADWUI) fi mootummaan fedhiiwwan siyaasaa, gaaffiilee, yaadawwan furmaataa dhi’aataniifi kanneen waliin walqabatee balaa dhufuu malu hubachuu hin dandeenye. Mootummaan tarkaanfii gara furmaataatti geessu haguma ta’e fudhachuufillee ga’umsas ta’e fedhii qabaachuusaa wanti mul’isu hin mul’atu.
  3. Mootummaan yaada karaa nagaa kanneen ibsatanirratti tarkaanfii garajabeenyaa fudhachuu ittifufeera. Haala kanaan baayyeen ajjeefamaa jiru. Namoota hidhuu, reebuufi hiraarsuun ittifufee jira. Kun saffisaan kan hindhaabbanne taanaan gadoo waliratti qabachuu fida.
  4. Mootummaan imaammata humnaan ukkaamsuu waan hordofuuf, karri siyaasaa cufaadha. Lakkoobsi namoota mootummaafi qabsoo karaa nagaa godhamurraa abdii dhabaa jiranii dabalaa jira. Kun gara eessatti akka nugeessu seenaa biyyattii yeroo dhi’oorraa hubachuun nidandaa’ama.
  5. Maqaa eenyummaafi mirga sabootaa kabachiisuu jedhuun walshakkiin saboota Itoophiyaa gidduutti uumameera, xuxxuqqaan karaa mootummaafi dhaabbilee adda addaan godhamus ittumaa hammaateera.  Aadaan walgargaaruufi walamanuu ammas unuma jira, walittidhufeenyi hawaasammaafi aadaas hin badne. Haata’uutii garu, sadarkaa amma jiru kanaan, rakkoo siyaasaa uumameef furmaata waliiwajjin barbaaduuf haala dandeessisurra kan jiru hinfakkaatu. 
  6. Utuu beekaniis ta’e hinbeekin, keessattuu sabi Tigraay saboota biroo irraa addatti akka ilaalamuuf sochiiwwan hamaan godhamaa jiran nimul’atu. Kun akka dhufu kan godhe hojii proppagaandaafi hoggansa ABUI/TPLF ta’eyyuu, dabalataan dubbichatti kan xuxxuqatanis jiru. Sababa kanaan kan ka’e, dhaloonni saba Tigraay baayyeen gara itti deebi’an dhabuun sodaan golgola’anii argamu. Hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa kasaboota Oromoofi Amaaraa, akkasumas, sabni Oromoofi Amaaraa akka wal hinamanne gochuuf wanti godhamaa jirus ittifufeera. Haalota balaafamoo kanneen waliin ta’uun qolachuu qabna.
  7. ABUT/ADWUI, rakkoo siyaasaa walxaxaa uumame kana amanee, rakkichaaf furmaata soquu hindandeenye. Rakkichi jiraachuusaa utuu hin amanin, furmaata arga jedhanii eeguunis gowwummaadha. Dhaabni kun rakkoo biyyattii mudate furmaata barbaaduuf, gara adeemsa araaraatti akka dhufuuf dhiibbaa gochuuf dirqisiisuun barbaachisaadha.
  8. Rakkoo siyaasaa walfakkaatu keessa biyyoota galan keessatti, furmaanni rakkichaa namotaafi gareewwan aangawoo harka jira. Gareewwan siivikiifi siyaasaa ce’umsa dimokraasiif shoora guddaa taphachuu danda’u, kanneen aangoo qaban garuu toora jijjiiramaa kara barbaadametti qajeelchuu danda’u. ADWUI biyya kana gara diigamsaafi badiitti akkasumas gargar faca’uufi wal-loliisaatti akka hingeessine gochuuf, hundi keenya ittigaafatamummaa qabna.
  9. “Itoophiyaan hindiigamtu, gara wal-loliisaatti hindeebitu, biyyattii keessatti eenyummaa sabaa irratti kan xiyyeeffate miidhaan hin geggeefamuufi kkf “ jedhanii of-goyyomsuun booda gatii nama baasisuu danda’a.

Biyyattiin haalawwan rakkisoo armaan olitti ibsaman keessa jiraachuusheerraa kan ka’e, sadarkaa hunda keenya miidhu qaqqabuu dandeessi. Kun utuu hin ta’in, dhuunfaanis ta’e walii-wajjin socho’uun rakkoo kana qolachuu qabna. Yoo kana goone qofa kan nuti biyya lammiilee hunda ija tokkoon ilaaltuufi kan olaantummaan seeraa keessatti kabajame akkasumas sirna mirga namoomaaf eegumsa godhu kadiriirsuu dandeenyu.

Haalawwan kunneen hunda keenya yaaddoo keessa buusu. Yeroo akkanaa kanatti, ittigaafatamummaa keenya eenyuun utuu hin eegin ba’uu qabna. Rakkoolee uumaman kanaaf fala fiduuf, tarkaanfiin inni duraa rakkoo sana sirriitti adda baasuun akka beekamu gochuudha, itti aansee furmaata ta’a kan jedhan lafa kaa’uudha. Haala kanaan, (Editorial Board) Raadi’oo Waazeemaa, waamicha armaan gadii nama hundaaf dhi’eessa. Qabxiilee kunneen gaarii yoo isinitti fakkaatan, fudhadhaa. Dogoggora yoota’anis sirreessaa ykn fooyyessaa fayyadamaa. Waamichiifi iyyannikeenya, namoota yaada qajeelaa qaban hunda bira haaga’u jenna.

  1. Hoggantootaafi miseensota ADWUI bakka arginu hundatti dhiibbaa irratti gochuu. Kana yeroo jennu, waan akka ta’u barbaannuu, sodaa qabnu akkasumas balaa jiru utuu hindhoksin itti himuu, waliin haasa’uufi akka isaan waan danda’an hunda godhaniif gaafachuu dabalata.
  2. Poolisoota Federaalaa, hoggantoota loltuufi humna nageenyaa irratti dhiibbaa gochuu. Jimilaan hidhuun, ajjeechaan, ukkaamsaan, nama dhiphisuuf ari’achuun akka dhaabbatu gochuuf, mata mataanis ta’e kanneen wajjin hojjetan waliin akka yaalii godhaniif itti himuun amansiisuufi dhiibbaa gochuu barbaachisa.
  3. Dhaabbileen siyaasaa dhimmichi na ilaallata jedhan, haalduree tokko malee waliin mari’achuufi waliigaltee gochuuf walitti dhufuu qabu. Dhaabbileen siyaasaa waliin ta’uun, biyyattiin haga mootummaa uummataan filame qabaatutti, toora isheen irra adeemtuufi maal maal ta’uu akka qabu sagantaa kallattii agarsiisu (Road map) baasuun uummatatti haabeeksisan. Mariifi waliigalteen kun haga dandaa’ametti hunduma kan ofitti hammatte utuu ta’ee filatama. Biyya keessaafi alatti bifa dandaa’ameen utuu ta’ees gaariidha. Waliigalteewwan adda addaa, qabxiilee furmaata uummataaf dhi’eessuu danda’u. Wanti guddaan, yaadonni furmaataa dhi’aatan, kan gara fuula duraatti maal akka ta’uuf deemu uummatatti agarsiisaniifi uummata abdachiisan ta’uudha.

Waliigaleefimariin kamuu yeroo geggeeffaman, waantoonni sadii dagatamuu hinqaban jennee amanna. Isaanis: I) Waan hunda duwwaa irraa jalqabuu hinqabnu, II) Sirni nuti ijaarru, qajeelfamoota dimokiraasii kanneen bu’uura san kan hojiirra oolche ta’uu qaba, III) Sirni ijaarsa mootummaa Federaalawaa, ce’umsa gara dimokraasiitti godhamuuf akka ka’umsaatti fudhatamuu qaba.

  1. Gareeleeniifi dhaabbiileen siivikii dhimmi biyyatti nu ilaallata jedhan, walii wajjinis ta’e mata mataan ittigaafatamummaa isaanii ba’uu qabu. Dhaabbileen siviikii kunneen dhiibbaa dhaabbilee siyaasaarraa ofeeguun, humnoota ykn gareewwan siyaasaa gorsuufi ifachuun hojiisaanii hojjechuutu irraa eegama. Dhaabbiileen sivikii kunneen yaada biyyaaf ta’a jedhan yoo kadhi’eessan ta’es gaariidha. Kun kanneen biyya keessaafi ala jiran hunda dabalata. Hundumtuu akkaataa haalli naannoo eeyyameen walitti deemuun mari’achuufi hariiroo uumuu danda’u. (Kun gareewwaniifi dhaabbiilee hawaasaa bifaafi kaayyoo adda addaan hundeeffaman kanneen akka dhaabbilee amataa adda addaa, hawaasa ogeessotaa gara garaa kan dabalatu ta’ee, dhimmuma kanaaf kanneen hundeeffamanis ni ilaallata.)
  2. Garaagarummaan Ilaalcha siyaasaa, sabummaafi amantaan utuu hindaangeffamin, bifa mijate hundaan walitti deemuun, walitti dhufeenya hawaasummaafi jaalala obbolummaa durumaan jiru isa yeroo kami caalaa amma jabeessuun barbaachisaa ta’ee mul’ata. Gochi akkasii kun namoonni akka wal amananiif nigargaaraa, walshakkii faca’ee jirus nidhadhabsiisa. Haala kanaan, tarii jeequmsi yoo uumamellee salphaatti walgargaaruuf haala mijeessa.
  3. Lammiileen Itoophiyaa yaaddoofi abdii qaban kan irratti ibsatan waltajjiin bifa haalli mijateen utuu babal’atee gaariidha. Saboonni waa’ee walii waliisaanii akka yaadaniifi dhiphatan dubbachuus dhaga’uus nibarbaadu. Lammiileen Itoophiyaa, jaalala, walamanannaafi sagalee abdii walii waliisaanii dhaga’uu fedhu. Itoophiyaanonni ofiisanii waliin waliif galuu barbaadu. Dhukkubbii isa tokkoof gadda qaban ibsuu fedhu. Garaagarummaa qaban irratti jibba tokko malee mari’achuu fedhu. Kanaaf, qaama kamuu utuu hin eegin yaada keenya walhaadhageessisnu.
  4. Haasaan jibbiinsaa jalqabbii daandii badiisaati. Haala kamiinuu, saba tooko, amantii ykn walitti qabama namootaa kan xiyyeeffate haasaa jibbiinsaa hambisuun, fedhii nagaaf qabnu mullisuudha. Haasaafi gocha jibbiinsaa hambisuutu nurraa eegama. Yeroo haasaa jibbiinsaa arginu dogoggora akka ta’e dubbachuuf ittigaafatamummaa qabna. Garaagarummaa ilaalcha siyaasaa kan ka’e, namummaa nama sanaa haaluufi akka uumama biraatti  dhi’eessuun, saba namni sun irraa dhufe akka namaatti akka hin ilaalamneef yaalii gochuun, akka haasaa jibbiinsaa balaafamaatti ilaalama. Haasaa jibbiinsaarra biyyi fayyadamu tokkoyyuu hinjiru.
  5. Hawaasni addunyaa balaa balbala Itoophiyaarra ga’e kana akka hubatuuf, tooftaan cimnee hojjechuun barbaachisaadha. Kun hiriira nagaa ba’uufi gadda qabnu ibsuu caalaa ergama bal’aafi gadifagoo kan qabu ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
  6. Midiyaaleeniifi gazexeessitoonni biyya keessaafi alaa, biyyi keenya haala muddaa kana ceetee gara boqonnaa fooyya’aatti akka darbituuf waamichachaafi ergaa walfakkaatu nidabarsu jennee amanna. Yoodandaa’ame, yaada walfakkaatu yeroo tokkichatti akka tamsaasan ykn karaa mijatuun tokkummaan sagalee akka dhageessisan cimsinee gaafanna.

Waamichiifi iyyannikeenya garaagarummaa tokko malee lammiilee Itoophiyaa yaada qajeelaa qaban hunda haaqaqqabu.

Raadi’oo Waazeemaa

Hagayya 2008

2 Comments

Write a Reply or Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Tweets by @Wazemaradio